ONM-ABO Amajjii 28, 2025
Aanaa Saasiggaa magaalaa Gaalloo jedhamu keessaa Amajjii 25, 2025 ergamtoonni hawaasa meesha maleeyyii dararuuf bobbaafaman loltoonni faashistii PP, nama maqaan isaa Biraanuu Mokonnon jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii deemuu maddeen ONM’tti himan.
Duulli duguuggaa sanyii loltoota Abiy Ahimediin Uummata Oromoo irratti raawwatu kun jabaatee ittuma fufuun, aanichuma ganda Odaa jedhamu irraas guyyaadhuma kana Efireem Tasfaa nama jedhamus ajjeesanii jiraachuu maddeen himan.
Kana malees, ganduma kana keessaa ajjeechaa erga raawwatanii booda namoota maqaan isaanii:
- Gammachuu Taammiruu,
- Indaaluu Lataa,
- Baqqalee Mul’ataa
- Lujumaa Jaldee fi
- Aadde Malkituu Bushaa
jedhaman ammoo mana jireenya isaanii ibidda itti shidanii qabeenya hunda waliin jalaa barbadeessanii deemuun beekameera.
Akkasumas, godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa iddoo addaa Maadaraa jedhamu irraa Amajjii 26, 2025 nama maqaan isaa Gammachuu Iddoosaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, Amajjii 24, 2025 ammoo halkan keessaa toora sa’a 4:00’tti aanichuma ganda Eebbaa iddoo addaa Alamganaa jedhamu irraa sochii gochuun nama Dassaalee Deessisaa jedhamu itti dhukaasanii madoo ulfaataa madeessuun, hawaasni naannichaas halkan sana hoggaa sagalee dhukaasaa dhaga’u, shororkaa’uun akka jirutti mana gadi lakkisee bosona keessa qorraan waxalamaa bulaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

