Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti loltoonni Abiy Ahimed irra deebiin qonnaan bultoota irratti ajjeechaa jumlaa raawwatan

ONM-ABO Muddee 27, 2024 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti loltoonni bilxiginnaa haleellaa qindaa’aa WBO’n duula cichoomina kaayyoo milkeessuuf taasisaa jiru dura dhaabbachuu dadhabuun, gara hawaasa nagaatti deebi’uun duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun eeramee jira.

Aanaa Saasiggaa ganda Loomicaa keessaa Muddee 25, 2024 loltoonni faashistii PP xurii isaanii dhiiga ilmaan Oromoon miiccachuu amaleeffatan qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Hiikaa Jaallataa,
  2. Obbo Jiraataa Bulaa fi
  3. Obbo Alamuu Bantii jedhaman badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen ONM’tti himan.

Namoonni kunneen qonnaan bultoota siyaasa kam keessa hin jirre yoo ta’an, ergamtoonni sirnichaa ammoo tarkaanfii laalessaa gootichi WBO duula cichoomina kaayyoo milkeessuuf guyyaa kana ganamaan irratti fudhateen rifatuu hamtuu keessa seenuun duguuggaa sanyii ( genocide) irratti raawwachuun ibsameera.

Gandicha keessatti torban darbes haaluma wal fakkaatuun duulli duguuggaa sanyii ergamtoota sirnichaan qonnaan bultoota irratti raawwatamee jiraachuu yeroo darbe isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

Kana malees duulli duguuggaa sanyii kun jabaatee ittuma fufuun, aanaadhuma Saasiggaa magaalaa Gaalloo jedhamu keessaa Muddee 24, 2024 qonnaan bulaa Darajjee Zawudee abbaa daa’ima 3 kan ta’es badii tokko malee sababa Oromumummaa isaa qofaaf rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.

Exit mobile version