Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti loltoonni faashistii PP qonnaan bultoota ajjeesuu fi madeessuun himame

ONM-ABO Ebla 10, 2025 

Aanaa Saasiggaa ganda Bareedduu Baloo irraa Ebla 5, 2025 tiksitoonni impaayerattii jiguu geesse utubuuf halkaniif guyyaa carraaqan qonnaan bulaa maqaan isaa Abdallaa Aashim jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees loltoonni ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf bobbaafaman dararaa raawwatan jabeessanii itti fufuun, gandichuma irraa Ebla 5, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Mahaammad Aammaa jedhamu jilba keessa rasaasaan dhahanii madoo ulfaataa madeessuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa ONM’tti himanitti, qonnaan bultoonni kunneen tuttuqqaa siyaasaa dhaaba kam keessaayyuu kan hin qabnee fi badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun ajjeechaa fi madoon kan irratti raawwatame ta’uun kan himamu oggaa ta’u, sababa lukkeelee Bilxiginnaaf hawaasni naannichaa akka itti ba’ee galu dhabee dararamaa jiraachuun baramee jira.

Exit mobile version