Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti loltoonni PP hawaasa nagaa  yoo hidhan, Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuutti hawaasa dirqamaan mana gandaa ijaarsisuun barame

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024 

Murni garboomfataa PP afaaniin nagaa dubbachaa uummata Oromoo irratti loltoota isaa bobbaasee duguggaa sanyii labsuun hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa kan jiru yoo ta’u, kutaalee Oromiyaa cufa keessaa jiraattota adamsee ukkaamsuun hidhaatti guuraa, saamaa, ajjeesaa, qe’ee fi qabeenya irraa buqqisaa  jiraachuun ibsamee jira.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee gandoota aanichaa hunda keessatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dararaa raawwachuu cimsanii itti fufuun torban darbe keessa ganda Harbuu Nagaasoorraa namoota maqaan isaanii Balaay Yaadessaa fi Mootii Yaaddessaa jedhaman sababa tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, aanaadhuma kana keessaa torbanuma darbe keessa ganda Saggoo jedhamurraa immoo nama maqaan isaa Diimoo Dhinsaa jedhamu badii tokko malee maqaa “ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himaniiru.

Aanaa Haroo Limmuu ganda Birboo jedhamuu fi gandoota aanichaa hunda irraa lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa dirqamsiisanii ” muka guurtanii fiddanii ganda ijaaruu qabdu” jechuun dararaa hamaa irraan gahaa jiru.

Kana malees, ergamtoota sirnichaan dararaan hawaasa irratti raawwatamu jabaachuun “nyaata ergamtoota bilxiginnaaf dhiyeessuu qabdu” jechuun rakkisaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa hawaasni aanicha keessa jiraatu yaaddoo hamaa keessa jiraachuu itti dabalamuun ibsameera.

Exit mobile version