ONM-ABO Bitootessa 3, 2025
Yeroo adda addaatti kutaalee Oromiyaa cufa keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa sarbama mirga namoomaa garmalee hammeessaa akkuma turan, ammas haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa ulfaataa irraan ga’uu cimsanii itti fufanii jiru.
Godina Qellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Mojoo jedhamutti jaleewwan sirnichaa akkuma amala isaanii maqaa adda addaa hawaasatti maxxansuun yakkanii hiraarsuu kan baran namoota maqaan isaanii:
- Taammanaa Dheeressaa,
- Gammachuu Lammeessaa fi
- Lalisaa Qajeelaa jedhaman
Gurraandhala 28, 2025 badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba tokkollee kan hin qabnee fi maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhamanii dararamaa kan jiran ta’uun ibsamee jira.
Oduuma wal fakkaatuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Diimaa Jokkee bakka addaa Gabaa Roobii jedhamu irraa jaleewwan sirnicha utubuuf kufanii ka’an badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Bunguree Addisuu,
- Caaloo Waaqumaa,
- Biraanuu Tuulii,
- Habtaamuu Shifarraa fi
- Sooree Warquu jedhaman
ukkaamsuun mooraa waraana Bilxiginnaa Haroo Kallachaa jedhamutti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’f eeranii jiru.
Naannoo mooraa Haroo Kallachaa jedhamu kanatti loltoonni sirnichaa gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan oolan yoo ta’u, ajajaan waraana Bilxiginnaa maqaan isaa Koneel Zaakir jedhamu waggaa tokko gidduutti dubartoota 10 ol gudeedee kan jiru ta’uun isaa baramee jira.

