Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti jiraattota hidhuun  cimee itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 11, 2024

Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu jabeessee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan, godina Qellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti jiraattota hidhuun garmalee cimee itti fufee jira.

Loltoonni bilxiginnaa ganda Hawwaa Mo’ii jedhamu irraa  Fulbaana 8, 2024 nama maqaan isaa Dabalaa Iggazuu jedhamu badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akka jiraattonni kun himanitti, “Dabalaan kan hidhameef loltoonni sirnichaa ‘dhimma nageenya gandaa taata’ yommuu ittiin jedhan, ‘waan saba koof hin taane hin hojjedhu’ jennaan ”kun deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti’ jedhanii hidhaatti darbatan” jechuun dubbatu.

Exit mobile version