ONM-ABO Adoolessa 14, 2024
Ergamtootni bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuuf bobbaafaman guyyaa irraa gara guyyaatti hawaasa nagaa siyaasa kam keessaa qooda hin qabne reebuu, hidhuu, saamuu fi ajjeesuu hojii idilee taasifatanii kan jiran ta’uun baramee jira.
Bifuma kanaan, Adoolessa 11, 2024 Godina Qellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Hawwaa Mo’iitti waraanni impaayera Itoophiyaa kabajaa fi safuu namummaa hin beekne dargaggoota maqaan isaanii Abdoo Muusaa fi Shaafii Bushuraa jedhaman “isin caasaa WBO’ti” jechuun reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda hidhanii jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Haa ta’u malee guyyaa dheengaddaa Adooleessa 12, 2024 ganama maatiin gara waajjira Poolisii onichaa deemanii yeroo gaafatan, maatii isaanii waliin akka wal hin argine kan dhorkaman ta’uu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.
Aanicha keessatti kaabinoonni fi waraanni sirnichaa sababa tokko malee namoota nagaa maqaa ilaacha WBO qabduutiin dararaa daangaa hin qabne hawaasa irratti raawwachaa jiraachuu fi namoonni hedduunis waraana sirnichaaf qe’ee isaanii keessa jiraachuu dadhabuun qe’ee gadi dhiisaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.

