ONM-ABO Adoolessa 21, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti jiraattota ganda Haroo Machaaraa bakka addaa Dhaayee kan ta’an namoonni maqaan isaanii:
- Obbo Mahaammad Yuuyyaa
- Kaalidee Naasir Bakarii fi
- Muraadee Naasir Xaaloo
jedhaman Adoolessa 17, 2025 ganama sa’a 2:00 irratti badii tokko malee qe’ee isaaniitii hidhattoota sirnichaan qabamanii hidhamuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessan.
Namootni kunneen badii dalagan tokkollee kan hin qabnee fi Obbo Mahaammad Yuuyyaa abbaa ijoollee 10 fi haadha warraa lama kan qabu yommuu ta’u, qonnaan bulaa hojii isaa irratti bobba’uun maatii isaa guddifachuuf carraaqu malee qaama siyaasaa kamiyyuu waliin hariiroo kan hin qabne ta’uutu himama.
