ONM-ABO Bitootessa 9, 2025
Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti Bitootessa 7, 2025 magaalaa Machaaraa keessaa nama maqaan isaa Darajjee Gochoo jedhamu waraanni maaafiyaan PP reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda ajjeesuuf ukkaamsanii fuudhanii kan bahan yoo ta’u, hanga ammaatti akkam akka godhanii fi eessatti akka geeffame waanti beekame hin jiru jechuun jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni kunneen himanitti Obbo Darajjeen badii tokkollee kan hin qabnee fi dhaaba siyaasaa kam keessaa qooda kan hin qabne ta’uu ibsuun, namni nagaan kun sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkamuun du’atti akka dabarfamee kennames itti dabaluun ONM’f addeessanii jiru.
Murni faashistiin PP kan dhiittaa mirga namoomaan beekamu yeroo adda addaatti kutaalee Oromiyaa cufa keessatti ajjechaa uummata nagaa fi hidhaa jumlaa akkasumas gochoota gara jabinaa hangana hin jedhamnee fi suukkanneessoo ta’an saba Oromoo irratti raawwachaa jira.

