ONM-ABO Amajjii 31, 2024
Murni bilxiginnaa yeroo ammaa raafama guddaa keessa seenuun fuula isaanii gara namoota nagaatti deeffachuun ajjeechaa jumlaa daangaa hin qabne hawaasa Oromoo irratti golee maratti raawwachaa jiru.
Sirni ajjeechaa irratti xiyyeeffatee dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasaa jiru kun Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Canqoo iddoo addaa Garee 24 jedhamutti guyyaa kaleessaa Amajjii 30, 2024 maanguddoo abbaa ijoollee sagalii kan ta’e nama maqaan isaa Aliyyii Mohaammad Bakar jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattotni ONMtti himan.
Maanguddoo kana ganama barii rasaasa tokkoon rukutanii erga biraa deemaniin booda fuudhaa mana yaalaa geeffadhaa jedhaniini yeroo maatiin fudhatanii mana yaalaa geeffatanitti duuka bu’anii daqiiqaa muraasa booda manuma yaalichaatti rasaasaan mataa keessa rukuchuun akka ajjeesan jiraattotni dabaluun ibsan.
Dhiittaan mirgoota namoomaa yeroo ammaa waraana sirnichaan uummata nagaa irratti adeemaa jiru jabaatee itti fufee jiraachuu fi uummanni nagaanis gochaa isaanii malee akka baala bonaa harca’aa jira.

