ONM-ABO Amajjii 16, 2025
Amajjii 13, 2025 aanaa Gidaamii ganda Horroo Kundii jedhamu keessaa nama maqaan isaa Gammachuu Amuumee jedhamu yakka tokko malee mana jireenyaa isaa keessaa gadi baasuun balbala isaatti rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattonni himanitti, namni kun badii seeraa tokko illee kan hin qabne ta’uu eeruun, loltoonni sirnichaa kunneen mana isaa dhaquun “baay’ina miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo kana irra socho’anii nutti himi” jedhanii hoggaa gaafatan, innis “ani homaa tokko illee wantan beeku hin qabu” yeroo inni ittiin jedhu “ni sobda” jechuun rasaasa itti roobsuun haala nama gaddisiisuun maatii isaa fuulduratti ajjeesanii deemuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Dangii keessatti Amajjii 14, 2025 hidhattoonni maafiyaa PP, abbaa ijoollee 2 Obbo Saamu’eel Ligaabaa kan jedhamu badii tokko malee araddaa isaa irratti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii akka bineensaatti hallayyaatti gatanii jiraachuun barameera.

