ONM-ABO Amajjii 15, 2025
Murni Bilxiginnaa impaayera dhiiga ilmaan Oromoo soorattu utubuuf jecha ergamtoota isaa bobbaasee, abbootii irree darbaniin olitti uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne hedduu irratti raawwachiisuu jabeessee itti fufee jira.
Aanaa Begii Bulchiinsa Magaalaa Kobor keessaa Amajjii 9, 2025 halkan keessaa toora sa’a 4:45’tti abbaa daa’ima tokkoo kan ta’e nama maqaan isaa Sooressaa Girmaa jedhamu loltoonni Bilxiginnaa mana jireenya isaa keessaa gadi baasuun osoo daa’imaa fi haati warraa isaa ilaalanii rasaasa 5 itti roobsuun haala nama rifaasisuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni ajjeefame kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi hojii humnaa hojjetee ofiif maatii isaa kan jireessu ta’uu himuun, waraanni goolessaan Bilxiginnaa garuu “Waraana Bilisummaa Oromoof dhiyeessii garaa garaa dhiyeessita” jechuun yakkanii haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiraachuu miira gaddaan guuteen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

