ONM-ABO Hagayya 5, 2024
Uummata nagaa hiraarsuu, ajjeesuu, hidhuu fi saamuun kan isa gammachiisuu fi garaa qabbaneessu waraanni goolessituun imphaayera Itiyoophiyaa, maqaa gargaarsa waraanaa jedhuun goleewwan Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti uummata harka qalleessa hiraarsaa jiraachuun beekamaadha.
Hagayya 4, 2024 loltoonni sirnichaa uummata nagaa hiraarsuuf ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Hawwaa Moo’ii jedhamu keessatti uummata nagaa Waaqeffannaa irra jiran mana amantaa keessaa gadi yaasuun, maqaa “gargaarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa” jedhuun nama tokko irraa qarshii kuma tokko (1000) dirqamaan irraa guuraa jiraachuu maddeen keenya eeran.
Kana malees, namootni qarshiin harka hin jirre guyyaa borii waajjira poolisiitti ofii isaaniitiin akka geessaniif doorsisuu jiraataan gandichaa sababa nageenya isaaf jecha akka maqaan isaa hin eeramne barbaadu tokko dubbate.
Akka jiraataan kun jedhutti, murna nama nyaataa bilxiginnaatiin doorsisni nurra ga’aa jiru kun kan yeroo jalqabaa miti. Gocha abbaa irrummaa nurratti raawwachaa jiru. Kana immoo qaama itti himannus dhabnee jirra. Hanga ammaatti sagalee nuuf ta’uuf kan nuuf bilbiles miidiyaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qofaadha” jechuun miira aariin guutameen dubbata.

