ONM-ABO Fulbaana 15, 2024
Waraanni goolessituu bilxiginnaa impaayerattii tiksuuf koloneel Abiy Ahimediin bobbaafamuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti sababoota garaa garaa wabeefachuun ilmaan Oromoo akka bosonuutti adamsee ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi haala suukkaneessaa ta’een dararaa jiraachuun beekamaadha.
Haaluma kanaan, godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti waraanni maafiyaa PP uummata nagaa hidhuu cimsee itti fufee jira.
Ganda Hareeree bakka addaa Taapheellaa jedhamu keessatti Fulbaana 12, 2024 dargaggoota sadii kan maqaan isaanii:
- Haarun Tasfaayee
- Eebbisaa Dirribaa fi
- Taganyee Araarsoo kanneen jedhaman badii tokko malee loltoonni sirnichaa qabanii reebicha hamaa ta’e erga irraan ga’aniin booda fuudhanii gara mana hidhaa waajjira polisii aanaa Hawwaa Galaanitti hidhuu jiraataan gandichaa tokko ONM’tti himee jira.
Akka jiraataan gandichaa kun jedhetti, “dargaggoonni kunneen hawaasa gandichaa keessatti jaallatamummaa guddaa kan qabanii fi siyaasa kam irraa illee bilisa kan ta’an ta’uu himuun, jiraattonni gandichaa badii tokko malee Oromummaa keenya qofaaf yakkamnee waraana murna Bilxiginnaatiin akka bineensa bosonaatti gochoonni suukkaneessoo adda addaa nurra gahaa jira” jechuun dubbataniiru.

