ONM-ABO Adoolessa 25, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan araddaa Baddeeyyii ganda Ciroo jedhamu keessatti Adoolessa 24, 2025 tiksitoonni impaayerattii kanneen barcuma koloneel Abiy Ahimed eeguuf ifaajan namoota nagaa yakka tokko malee maatii fi mana isaanii irraa ukkaamsuun hidhaatti darbachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Namoota badii tokko malee hidhattoota sirnichaan qabamanii hidhaman keessaa muraasni maqaa arganne:
- Aadde Hawwaa Muusaa Mahaammad haadha ilmaan 8 maanguddoo umrii 70 olii fi haadha warraa ilma isaanii kan taate,
- Aadde Araboo Aammadee Arxummee kanneen jedhaman oggaa ta’an, Aadde Araboonis haadha daa’imman 3 fi nama umurii 55 olii yommuu taatu
yakka tokko malee tiksitoonni impaayerattii mana isaaniitii qabuun waajjira poolisii aanichaa kan ta’e magaalaa Gabaa Roobiitti hidhanii jiraachuu jiraattonni ijaan argan ONM’tti himaniiru.
Namoonni kunneen badii dalagan kan hin qabnee fi deggertoota dhaaba siyaasaa kamiiyyuu kan hin taane ta’anis, ergamtoonni sirnichaa bututtuu barcuma abbaa irree jajjabeessanii dhaabuuf jooran immoo maqaa ilma keessantu miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromooti, hidhatee bosona jira jedhu itti maxxansuun maatii nagaa qe’ee fi daa’imman isaanii irraa hidhuu dubbataniiru.
Kana malees bara 2022 maqaa siyaasaa fi haala yeroo jedhuun maatii kana irratti mana jireenyaa gubuun qabeenya hedduu jalaa mancaasanii qarshii 150,000 jalaa fudhachuun qotiyyoo foonii 3 jalaa qalatanii kan nyaatan yoo ta’u, abbaa maatii kan ta’e Obbo Sulee kan jedhamu sababa maatii qabsaa’aa ta’an qofaaf afoosha keessaa baasanii ugguruu fi araddicha irraa ari’uu jiraattonni keessa beekan himaniiru.
Kanaan duras maatii kana sababuma kana fakkaatuun daa’imman illee osoo hin hafin guutummaa isaanii qabuun hidhanii dararaa kan turanii fi addatti ammoo ilma isaanii tokko kan hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’uun maatii isaanii cufa jiraachisu situ odeessa keenya obboleessa keetiif kenna, akkasumas situ maatii isaa jiraachisee akka inni dirree qabsoo irraa hin galle taasise jechuun reebicha ulfaataa irratti kan raawwatan yoo ta’u, innis fedhii isaa malee dararaa sirnichaa baqachuuf jecha yeroo ammaa gara biyya ambaatti godaanee jiraachuutu himama.

