Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaanitti sarbamiinsi mirga namoomaa jabaatee itti fufe

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Ajjeesuu, hidhuu fi dararuu kan amaleeffatee fi akka gootummaatti kan ittiin of dhaadu murni faashistii Bilxiginnaa, godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan bulchiinsa magaalaa Machaaraa keessaa sababa tokko malee namoota nagaa hidhaatti guuruun dararaa jira.

Aanaa Hawwaa Galaa bulchiinsa magaalaa machaaraa ganda Haroo Machaaraa keessaa maqaa soddaa keessantu WBO keessa jiraa fidaa manatti galchaa jedhuun baatii Fulbaana darbee irraa kaasee Obbo Naasir Mahaammadiin dabalatee maatiin isaanii hidhaatti guuramanii dararamaa jiraachuu jiraattonni ONM dubbise himanii jiru.

Namoonni maqaa obboleeyyanii fi firoottan keessantu WBO keessa jiraan hidhamanii jiranis maqaan isaanii:

1. Obbo Naasir Mahaammad

2. Juneddiin Naasir

3. Wardii Naasir

4. Farahaan Muusaa fi

5. Magarsaa Muusaa kan jedhaman yoo ta’an, kana malees  namoota maqaan  isaanii Kaalid Aliyyii jedhamuu fi Naasir jedhaman WBO quunnamtu jechuun hidhanii jiraachuunis ibsameera.

Exit mobile version