ONM-ABO Fulbaana 7, 2024
Waraanni faashistii PP ajaja Koloneel Abiy Ahimed irraa fudhataniin dhiiraa fi dubartii, dargaggoof shamarree, xiqqaaf guddaa, beekaaf wallaalaa osoo hin jenne abbuma itti dhaqan yakkuun dararaa hamaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Qellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti loltoonni faashistii PP shamarree tokko rasaasaan dhahanii madeessuun gandicha keessatti gochoota badii adda addaa raawwatanii jiru.
Ganda Tuulamaa bakka addaa Diriiraa jedhamutti waraanni maafiyaa PP kun Fulbaana 6, 2024 shamarree maqaan ishee Hundattuu Oliiqaa jedhamtu sababa tokko malee rasaasa itti dhukaasuun madoo ulfaataa irraan gahanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Akka maddeen jedhanitti shamarreen kun nama siyaasa kam irraayyuu bilisa taate ta’uun beekna, garuu loltoonni kunneen sababa isheetti dhukaasaniif namaaf hin galu, booda kana ammoo namoonni nagaan siyaasa keessaa qooda hin qabne qaama hir’uu ta’aa jirus jedhu.
Shammarreen kunis yeroo ammaa yaalamaa akka jirtuu fi haalli fayyummaa ishees daran yaadeessaa ta’uus dabaluun ibsaniiru.
Aanichatti ergamtoonni sirnichaa ilmaan Oromoo dararuuf duubatti kan hin jenne ta’uun hawaasni nagaa sobaan yakkamee hiraarfamaa jiraachuun ibsameera.
Murni Bilxiginnaa gurmaa’insa gandaa amma deemaa jiruun gandatti maatii qeerroo fi WBO aanaalee godinichaa keessaa funaananii hidhuuf qajeelfamni gadi bu’ee jiraachuun barameera.

