Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gochi gara jabeenyaa waraana bilxiginnaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa jaartee keessatti qonnaan bulaa tokko irratti raawwatamuu jiraattotni dubbatan

ONM-ABO Fulbaana 11, 2023

Dhiibbaan sirna bilxiginnaan hawaasa Oromoo irra ga’aa jiru, bara bittaa sirnoota darbanii keessatti mullatee kan hin beekne yoo ta’u, duguuggaan sanyii maqaa waraana bilisummaa Oromoo golgaa godhachuun uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti jabaachaa jira.

Haaluma kanaanis, ajjeechaan ji’a fulbaanaa kana keessa Ilmaan Oromoo irratti bakkoota akka Qellem Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Lixa Shaggarii fi Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti raawwatamaa jiru gochoota ciiggaasisoo sirnichaan raawwatamaa jiraniif mullistuu yoo ta’aan, bifuma kanaanis dheengadda fulbaana 8, 2023 qonnaan bulaan maqaan isaa Tasammaa Naggasaa Hundee jedhamu, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa jaartee ganda suuxee keessaa waraana bilxiginnaan qabamuun hawaasa duratti ajjeefamuu jiraattotni dubbatu.

Gochoota badii loltoota sirnichaan uummata Oromoo irratti adeemsifamaa jirurraa mufii guddaa qabaachuu kan dubbatan jiraattotni ona Jaardagaa Jaartee, gochoonni gara jabinaa waraana impaayerattiin nurratti raawwatamaa jiru xiiqii nutti horee daran nu jabeessa malee of duuba nun deebisu jechuun yaada isaanii ONMtti himan.

Exit mobile version