Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu magaalaa kombolchaa keessatti hidhamtootni siyaasaa Oromoo nyaata lagachuun dhaga’aame

ONM-ABO Fulbaana 30, 2023

Murni badiisa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru bilxiginnaan Oromiyaa onoota adda addaa keessatti hawaasa nagaa hidhee dararuu jabeessuun hidhamtoota Mana adabaa seensisu cufa mana murtiitti dhiyeessuu irra ji’oota hedduu fi waggootaa ol hidhee hiraarsaa jira.

Bifuma kanaanis godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaa keessatti maqaa siyaasa waraana bilisummaa Oromoo qabduu fi babaldhisaa jirtu jedhuun waraannii fi kaadirootni sirnichaa namoota hedduu hidhanii halkan baasuun reebicha irratti raawwachaa gariinis ajjeessaa jiru.

Yeroo ammaas hidhamtootni Mana hiraarsaa kana Keessatti argaman maaliif mana murtiitti nu hin dhiyeessitan, yakka maalii qabnaa fi maaliif maatii keenya irraa qabdanii nu darartu jechuun gaaffii Waajjira poolisii aanichaaf dhiyeessanis deebiin gaaffii isaanii hiraarfamuu waan ta’eef jecha yeroo ammaa nyaata lagachuun mormii agarsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version