ONM-ABO Amajjii 13, 2024
Tarkaanfii jajjabaa gurmuun waraana bilisummaa Oromoo aanota godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti waraana impaayera itoophiyaa irratti fudhachuun meeshaalee gurguddaa hedduu dugda isaanii irraa hiikuu dabalatee, lukkeelee hedduu akka baalaatti harcaasuun, gariin ammoo fayyaatti booji’een booda, Bilxiginnaan Miira naasuu fi abdii kutannaatiin loltoota kumaatamaan godinichatti bobbaasee qe’ee namoota nagaa diigsisaa jira.
Haaluma kanaanis Guyyaa Kaleessaa jechuun Amajjii 12, 2024 waraanni PP aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaa irraa gara ganda gammoojjii Weeraa jedhamtutti bobbaafaman, qotee bultoota Oromoo qe’ee isaanii keessaa dhukaasaan erga ari’aniin booda, mana nama hundumaa irra deemuun mi’oota mana keessaa caccabsanii hojiin ala taasisuun, Sangoota 50, Harroota 50 fi hoolotaaf re’oota baayyinni isaanii 60 ol ta’u ooffatanii gammoojjii keessaa erga baddaatti ol baafataniin booda konkolaataatti fe’atanii deemuu maddeen gabaasaniiru.
Aanaama Guduruu ganda Shunqee jedhamtu keessattis torbee dhuma kana keessa haleellaa diroonii murni bilxiginnaa irra deddeebiin raawwachaa tureen qe’ee fi qabeenyi namoota hedduu gubatee barbadaa’uu kan himan maddeen, ganda Abbaayi Roobii keessattis haleellaa bifuma walfakkaatuun raawwatameen mancaatii qabeenyaa hedduu dabalatee lubbuun namoota 4 kan maqaan isaanii sababa rakkoo networkiitiif adda hin ba’iinii darbuu ONM’f addeessaniiru.
Meeshaalee gurguddaan akka Moortaraa fi Zuu 23 loltootni PP Aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaa keessa taa’uun guyyaa guyyaatti gandoota baadiyyaa irratti darbachaa jiran hubaatii qabeenyaa guddaa geessisaa jiraachuunis beekame.

