Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaabinoonni bilxiginnaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardaagaa Jaartee keessatti gargaarsa uummataaf dhufe  dantaa dhuunfaa isaaniif oolfachaa jiraachuun saaxilame

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2023

Lola Finxaaleeyyiin Amaaraa faannoo fi waraanni sirnichaa waliin ta’uun, Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo irratti raawwatan, seenaa keessatti tarreeffamee kan hin dhumne yoo ta’u, tumsa koloneel Abiy Ahimediin daangaa Oromiyaa seenuun Oromoo fi Oromummaa hundeen balleessuuf gocha gara jabinaa raawwachaa turuun, yakkoota waraanas hedduu qe’ee uummata Oromoo godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardaagaa Jaartee keessatti raawwachuun, uummanni naannichaa qe’ee fi qabeenyi isaa manca’ee  nyaataa fi mana jireenyaa dhabee daandii  gubbaa jiraataa jira.

Haleellaa qindaa’aa  hidhattootni finxaaleeyyiin Amaaraa faannoo fi waraanni bilxginnaa waliin ta’uun, irra deddeebiin godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Jaardaagaa Jaartee keessatti raawwataniin jiraattotni onichaa ajjeeffamuu, bsaamamuu akkasumas qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqa’uun manneen jireenyaa hedduun barbada’uu irraa kan ka’e gargaarsa haatattamaa dhabuun miidhamaa turan, deggersi dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiyeessanis jiraattota beelaa fi bakka jireenyaa dhabanii rakkoo keessa jiraniif sababa kaabinoonni sirnichaa hatuun kan dhuunfaa isaanii godhatanii itti fayyadamaa jiraniif, hatattamaan isaan  qaqqabaa akka hin jirre jiraattotni dubbatan.

Haaluma kanaan ona Jaardaagaa Jaartee keessatti dhaabbileen gargaarsa namoomaa jiraattota lola kanaan, qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqaa’aniif deggersa midhaan nyaataa fi meeshaalee tokko tokko tibba kana dhiyeessaniif kaabinoonni bilxiginnaa saamuun dantaa dhuunfaa isaaniif oolfachaa jiraachuun saaxilamee jira.

Murni hattootaa fi malaamaltootaan guutee bilxiginnaan, deggersa dhaabbileen gargaarsaa irraa dhiyaate jiraattota beelaa fi bakka jireenyaa dhabanii daandii gubbaatti facaa’anii jiran jalaa saamuun jiraattotni nyaataa fi bakka qubannaa dhabanii jireenya hadhaa’aa keessa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version