Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu keesssatti diina du’aa fi madoon adabuun loltoota PP’s booji’e

ONM-ABO Sadaasa 26, 2024 

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun diina du’aa fi madoon adabee meeshaa irraa hiikuun booji’aa jira.

Haaluma kanaan Dilbata darbe Sadaasa 24, 2024 toora sa’a 10:30’tti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinaa jedhamtu keessatti fudhateen hedduu ajjeesee gariin madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis  qawwee AKM  27, Bireenii 1, Boombii 19, Hidhannoo 17 fi Rasaasa PKM  570 loltoota Abiy Ahimed irraa hiikuun loltoota  6 jiraa booji’ee jira.

Murni Bilxiginnaa maallaqni miindaa barsiisotaaf kaffalamu dhabamuun Walloo Kaabaa, Goofaa fi Haadiyaa keessatti barsiisotni hojii dhaabanii osoo jiranii meeshaalee waraanaa doolaaraan bitee lola geggeessus injifannoo argachuu hin dandeenye.

Exit mobile version