WBOn godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Abaaboo Guduruu irratti tarkaanfii fudhateen diina du’aa fi madoon adabe.
ONM-ABO Sadaasa 5, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalesssaa fudhatee faashistoota dachee Oromiyaa keessaa buqqisuu itti fufuun aanaa Abaaboo Guduruu keessatti diina du’aa fi madoon adabee jira.
Lola kaleessa Sadaasa 4, 2022 ganama barii sa’a 12:00 irraa qabee godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Abaaboo Guduruu magaalaa Daduu keessatti eegaleen irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn waraana bilxiginnaa irraa 38 ajjeesuun 75 madeessee jira.
Meeshaalee waraanaa garaagaraa qawwee AKM 30, rasaasa AKM 1550, boombii harkaa, hidhannoo fi jororoo bireenaa dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Lola jabaa WBOn aanaa Abaaboo Guduruu magaalaa Daduu irratti kaleessa geggeesseen murni bilxiginnaa rifachuun xiyyaara waraanaa diroonii jedhamu fayyadamuun magaalaa Daduu irratti marsaa lama boombii samii gadi darbateen qabeenya namootaa irraan miidhaa qaqqabsiiseera.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti waraanni bilisummaa Oromoo magaalicha marsee waan jiruuf sochiin waraana bilxiginnaa mooraa isaanii keessatti daanga’ee kan jiru ta’uun barameera.
Dhiigaa fi lafee keenyaan Oromiyaa walabaa ni ijaarra!
Injifannoon uummata Oromoof.

