ONM-ABO Sadaasa 25, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun diina du’aa fi madoon adabe meeshaa irraa hiikuun booji’aa jira.
Haaluma kanaan kaleessa Sadaasa 24, 2024 toora sa’a 10:30tti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinaa jedhamtu keessatti fudhateen hedduu ajjeesee gariin madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 27, Bireenii 1, Boombii 19, Hidhannoo 17, Rasaasa PKM 570 loltoota Abiy Ahimed irraa hiikuun loltoota 6 jiraa booji’ee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

