• Fri. Jan 9th, 2026

WBOn godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu keesssatti diina du’aa fi madoon adabuun loltoota PPs booji’e

Nov 27, 2024

ONM-ABO Sadaasa 25, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun diina du’aa fi madoon adabe meeshaa irraa hiikuun booji’aa jira.

Haaluma kanaan kaleessa Sadaasa 24, 2024 toora sa’a 10:30tti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinaa jedhamtu keessatti fudhateen hedduu ajjeesee gariin madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 27, Bireenii 1, Boombii 19, Hidhannoo 17, Rasaasa PKM 570 loltoota Abiy Ahimed irraa hiikuun loltoota 6 jiraa booji’ee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading