Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Burqaa Diimtuutti lukkeeleen Bilxiginnaa qonnaan bultoota humnaan walga’ii guyyoota 4 baasaa jiraachuun himame

ONM-ABO Fulbaana 5, 2025 

Aanaa Burqaa Diimtuu araddaa Sambatii jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa  leellisan hawaasa hojii idilee isaa irratti bobba’ee jiruu fi hongee naannoo sana mudateef rooba gannaa yeroo dhiyoo isaaniif roobe saammachaa jiran maqaa “waltajjii paartii badhaadhinaa” jedhuun Fulbaana 2, 2025 irraa eegalee guyyoota 4’f dirqamaan teessisaa jiraachuu jiraattonni araddichaa walga’icha irratti hirmaatan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessan.

Milishonni Bilxiginnaa araddicha guutummaa keessa naanna’uun, maqaa “walga’ii irraa haftan” jedhuun manneen hawaasaa irra deemanii namoota manatti argatan cufa dhiiraa fi dhalaa osoo hin jenne afaan qawween dirqamsiisuun gara walga’iitti geessaa kan turan ta’uun eeramee jira. 

Walga’ichi guyyoota 4’f kan itti fufu ta’uu fi kaayyoon waltajjichaa, rakkoowwan siyaas-diinagdee roga maraan impaayerattii mudate dandamachiisuuf tooftaalee adda addaa bocatanii, Waraana Bilisummaa Oromoo fi hawaasa Oromoo walitti diinomsuuf karoora qophaa’e ta’uu fi “hawaasni hundi miseensa paartii badhaadhinaati” jechuun doorsisa jabaa irratti kan raawwatan ta’uun ibsamee jira.

Kana malees waa’ee hidha guddicha laga Abbayyaa fi barbaachisummaa Galaana Diimaa kaasuun  uummatni kaayyoo deggeruun dirqama jedhan. Waltajjii kana irratti diinoota Itoophiyaa jechuun humnoota impaayerattii keessatti isa lolanii  hanga mootummoota alatti tarreessuun barsiisaa ture.

Namoota “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabu” jedhanii shakkan walga’ii keessaa kaasuun, arrabsoo qorqalbii isaan miidhuun hawaasa keessatti erga arrabsanii booda, jiraattota walga’iitti hin hirmaanne, maqaa adda addaa itti moggaasuu fi qarshii adabuuf   hawaasa walga’ii sana hirmaate irratti itti dhaadachaa turuu gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe ni ifoomsa.

Exit mobile version