ONM-ABO Adoolessa 22, 2025
Buunnoo Beddellee aanaa Dhidheessaa ganda Burqaa Jaalalaa jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa mana barumsaa sadarkaa 1’ffaa Burqaa Jaalalaa jedhamu tajaajilaan ala gochuuf hawaasa doorsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Manni barumsaa Burqaa Jaalalaa hanga kutaa 8’ffaatti barattoota barsiisaa kan ture yoo ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa immoo qooda tajaajiloota hawaasaa utubanii guddisuu qaban, faallaa isaa torban darbe keessa, “gara kutaa 4’tti gadi deebisna” jechuun hawaasatti dhaadachaa turuun baramee jira.
Kana malees, ergamtoonni Billxiginnaa, maqaa “mana barumsaa suphina” jedhuun hawaasa hunda irraa qarshii 150,000 walitti qabanii gargar qoqqooddachuun hoggaa hawaasni “qarshiin keenya maal irra ga’e?, Qarshii sana nuuf deebisaa” jedhee gaafatu, lukkeeleen Bilxiginnaas “bishaan ittiin isiniif hojjenna” jedhanii sobaan saamaa jiraachuun dabalataan himamee jira.
Akka maddeen himanitti, yeroo adda addaatti kaffaltiin nagahee hin qabne ergamtoota Bilxiginnaan irraa guuramaa turuu fi jiraachuu himuun, maqaa “bishaan isiniif galchina” jedhuun immoo akka gandichaatti qarshii 85,000 erga irraa guuranii booda, qarshii hawaasaas osoo hin laatin, bishaan jedhames osoo hin galchin callisanii kan gargar qooddatan ta’uun ifoomee jira.

