ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025
Buunnoo Beddellee aanaa Dhidheessaa ganda Burqaa Jaalalaa jedhamu keessatti Waxabajjii 18, 2025 poolisiin Bilxiginnaa tokko kan maqaan isaa Kaliifaa jedhamu fakkaattota isaa of jala hiriirsuun jiraattota maqaan isaanii:
- Adam Diinee,
- Abdii Abdallaa fi
- Diinee Maammad Muusaa
jedhaman badii tokko malee sababa sobaa itti maxxansuun hidhattii darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, hawaasni gandichaa guutummaanis sababa doorsisaa fi dararaaf jecha ba’aaf gala danqamuun rakkachaa kan jiran ta’uu itti dabaluun eeranii jiru.
Koloneel Abiy Ahimed umurii barcuma siyaasaa isaa ittiin dheereffachuuf jecha ergamtootaa fi lukkeelee isaa isaaf amanamoo ta’anii fi kanneen saba irraa dhalataniif illee quuqama tokko hin qabne akkuma barbaadetti qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun miidhaa gurguuddaa geessisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

