ONM-ABO Fulbaana 5, 2024
Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Balootti Hagayya 29, 2024 walga’ii qaamoleen bulchiinsa Bilxiginnaa naannoo Beenishaangul Gumuzii fi kaabinoonni aaanaa Saasiggaa taasisan irratti, “marii araaraa kanaan dura taasifame akka hin milkoofnee fi hawaasni keenya akka Oromiyaa keessa hin sochooneef kan danqaa ta’e uummata Oromooti” jechuun yaada bakka bu’oonni naannoo Beenishaangul Gumuz dubbatan giddu gala godhachuun, akkuma wal ga’ichi xumurameen waraanni sirnichaa naannoo lamaan irraa gara aanichaatti bobba’uun hawaasa nagaa irratti yakkoota gara jabinaa garaa garaa raawwachaa turuun himamee jira.
Haaluma kanaan, aanaa Saasiggaa bulchiinsa magaalaa Balootti waraanni sirnichaa uummata Oromootiin “dirqamaan araaramaa” jechuun reebicha ulfaataa fi saamicha hamaa irratti raawwatanii jiraachuun ibsameera.
Ganda Bareedduu Baloo jedhamu irraa Fulbaana 3, 2024 namoota hedduu irratti loltoonni sirnichaa reebicha hamaa taasisuun namoota maqaan isaanii:
- Makkaa Hasan, harkaa fi miilla yoo cabsan,
- Hasan Ahimad Usumoo, Saanjaadhaan mataa waraanuun,
- Kiimiyaa Mahaammad,
- Ayishaa Saanii,
- Ahimad Kaliil,
- Ibraahimee Hussoo,
- Adam Sheek Ahimad
- Sheek Abdulbarii Ibroo fi kanneen biroo hedduu ta’an reebuun miidhaa qaamaa ulfaataa irraan ga’anii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Dabalataanis, ganduma kana irraa guyyuma kana waraanni sirnichaa jiraattota maqaan isaanii:
- Mahaammad Zeeynuu Yusuuf jalaa doqdoqqee 1
- Obbo Bayaan Qamar jalaa doqdoqqee 1
- Yaasin Saabit jalaa midhaan nyaataa ardaba 9 fi madaaltuu hangaa saamanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

