Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Humni addaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Kamaashii Aanaa Soogee fi Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti uummata Oromoo irratti ajjeechaa jumlaa, saamichaa fi gubaatii manneenii raawwachuu itti fufe

ONM-ABO Caamsaa 22, 2025 

Gara jabeessi dhala namaaf kabaja hin qabne, kan lubbuu fi dhiigni ilmaan Oromoo isa biratti hanga bineensaa hin geenye mataan badiisaa koloneel Abiy Ahimed Oromiyaa keessatti duguuggaa sanyii ergamtoota isaan ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru itti xiqqaannaan saboota ollaa uummata Oromoo irratti kaasuun ajjeechaa fi saamicha raawwachiisaa jira.

Bifuma kanaanis humni addaa naannoo Beenishaangul Gumuz Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Angar Buufata 5’ffaa keessatti Caamsaa 20, 2025 namoota lama kanneen maqaan isaanii:

  1. Obbo Mallasaa Booranaa fi 
  2. Obbo Dattaa Hambisaa jedhaman ajjeesanii oggaa gatan, 

Caamsaa 21, 2025 loltoota sirnichaa dabalachuun itti deebi’anii konkolaataa qonnaa tokko uummata jalaa gubuun daa’imman horii tiksan irratti dhukaasa bananii oliif gadi ari’aa turuunis dabalataan addeeffameera.

Kana malees Caamsaa 21, 2025 aanaa Soogee ganda Meexxii jedhamutti waraanni raayyaa ittisa impaayerattii fi humni addaa naannoo Beenishaangul Gumuz sabaan ilmaan Oromoo qoodanii maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun namoota 16 ol irratti ajjeechaa raawwachuun manneen hedduus gubanii akka deeman jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Exit mobile version