Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Humni addaa naannoo Beenishaangul Gumuz Oromiyaa seenuun Baha Wallaggaa Aanaa Saassiggaa keessatti ajjeechaa suukkanneesaaa fi saamicha qabeenyaa ilmaan Oromoo irratti geggeesse

ONM-ABO Bitootessa 26, 2025 

Bitootessa 24, 2025 aanaa Saasiggaa ganda Waataa bakka addaa Shambelelee jedhamutti humni addaa naannoo Beenishaangul Gumuz ajaja koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman daangaa qaxxaamuruun harmee tokko maanguddoo umurii 70 yeroof kan maqaan nu hin qaqqabin jiraattonni ollaa haadha Firoomsaa jechuun waaman qe’ee ishee irraa gadi fuudhanii ajjeesuun, gocha suukkanneessaa harka irraa muranii mukatti fannisanii kan deeman yoo ta’u, yerooma wal fakkaataatti maanguddoo maqaan isaa Obbo Biraanuu Dhaabaa jedhamus kan ganna 70 olii ajjeesanii deemuun beekameera.

Kana malees gandichuma keessatti tiksitoonni impaayerattii kunneen namoota maqaan isaanii; Girmaa Guddataa fi Milkoo Gaarummee jedhaman jalaa loon kan ooffatan oggaa ta’u, Girmaa jalaa loon 4 fi Milkoo jalaas loon ammaaf baay’inni isaa hin eeramin jalaa akka ooffatan addeeffameera.

Murni Bilxiginnaa afaaniin Oromummaa himachaa loltoota isaa hawaasatti bobbaasee ajjeesuun cinatti humnoota waraanaa adda addaa ijaaree daangaa Oromiyaa keessa galchee sarbamiinsa mirgoota namoomaa yeroo yeroon raawwachisaa kan jiru kaayyoo fi akeeka cubbummaa ekeraa Minilik milikeessuuf akka ta’e ni beekama.

Exit mobile version