Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz bulchiinsa magaalaa Asoosaa keessatti uummata waltajjii waamuun doorsisan.
ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2022
Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Jimaata darbe Onkoloolessa 14,2022 godina Lixa Wallaggaa ona Begii fi Qondaalaatti fudhachuun diina buqqiseeen booda Mootummaan Naannoo Beenishaangul Gumuz raafama keessa galee jira.
Sababa kanaan kaleessa Onkoloolessa 18,2022 ganama magaalaa Asoosaa keessatti uummata ganda ganda irratti waltajjii teessisuun Waraanni Bilisummaa Oromoo fi TPLF waliin ta’uun tarkaanfii fudhachaa waan jiraniif magaalaa keenyas haleeluu danda’u jechuun hirmaattoota waltajjichaaf ibsan.
Kana malees magaalaa Asoosaa keessa Waraanni Bilisummaa Oromoo seenee waan jiruuf yoo isin eeruu isaanii nuuf hin laatin tarkaanfii WBOn magaalicha keessatti fudhatuun kan miidhamu isini jechuun uummata harka duwwaa homaatuu keessaa hin qabne akka waan qaama bilxiginnaa ta’anitti kakaasuuf yaalii godhanis hin milkoofne.
Dabballoonni fi waraanni murna bilxiginnaa kasaraa lolaa ona Begii fi Qondaalaa keessatti isaan mudate kana dhoksuuf uummata doorsisuuf yaalanis namootni waltajjii irratti hirmaatan kun kan walitti dhukaasu qaama hidhate waan ta’eef uummata maal galche jechuun geggeessitoota waltajjichaa qaanessaniiru.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn baatii 8 dura Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz bulchiinsa magaalaa Tongoo keessaa waraana bilxiginnaa buqqisee to’atee waan tureef sodaa waanti sun nutti deebi’aa jedhuun raafama hamaa keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Asoosaa gabaasaniiru.

