Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Asoosaa keessatti murni bilxiginnaa boritti hiriira balaaleffannaa WBO fi TPLF jechuun uummata waamuun dhagaa’ame

Magaalaa Asoosaa keessatti murni bilxiginnaa boritti hiriira balaaleffannaa WBO fi TPLF jechuun uummata waamuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2022 Murni bilxiginnaa waan qabuu fi gadhiisu wallaale akka waan deggersa uummataa qabu fakkeessuun waan isaan ilaallanetti uummata hiriira balaaleffannaaf waamuu eegalee jira.

Akka kanaanis bor Onkoloolessa 20, 2022tti Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa keessatti hiriira balaaleffannaa Waraana Bilisummaa Oromoo fi TPLF jedhuun uummata hunda baasuuf sochii eegalanii jiru.

Sochii kanaanis manaa mana irra deemuun uummatni magaalattii hawaasni gita hundumaa irratti argamuu akka qabu akeekkachiisaa jiru.

Murni bilxiginnaa siyaasni isaa harkatti kufe sodaa barcuma siyaasa isaaf jecha uummata nagaan WBO fi TPLF impaayerattii diiguuf qindoominaan lolaa jiru jechuun, sochii waraanaa geggeeffamaa jiruunis uummatni miidhamuu danda’a jechuun ofii ajjeesaa, hidhaa fi saamaa akka mootummaa uummataatti, hojii sabicha burjaajessuu hojjechaa jira.

Yeroo murni bilxiginnaa araara nan fedha, garuu lola hin dhaabu yaada jedhu tarkaanfachiisuun biyyoota dhiyaa irraa dheekkamsa natti fiduu danda’a sodaa jedhu irraa kan ka’e deggersa uummataa akka qabutti miidiyaa irraa ololuuf akka ta’e keessa beektotni ni dubbatu.

Exit mobile version