Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Daawootti murni Bilxiginnaa hiriira balaaleffannaa WBO akka geggeessaniif barsiisota dirqisiisaa jiraachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Sadaasa 14, 2024 

Kamisa har’aa Sadaasa 14, 2024’tti manneen barnootaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Daawoo keessatti argamu cufarraa barattoonni qindeessummaa barsiisotaan hiriira balaaleffannaa Waraana Bilisummaa Oromoo akka geggeessaniif  dirqamni lukkeelee Bilxiginnaan itti kennamuu bariisaan godinichaa maqaan isaa rakkoo nageenya isaatiif jecha akka hin eeramne barbaadu tokko   ONM’tti himeera.

Murni Bilxiginnaa waan qabee gadi dhiisu wallaaluun impaayerattii balaa ishee mudatee jiru irraa bayyaannachiisuuf jecha namoota hirmaannaa siyaasaa kam irraa walaba ta’anii jiraatan dirqiin dirree siyaasaatti oofuuf jecha aggaammii lubbuu namootaa galaafatu geggeessuuf haal-duree xumuree jiraachuu barsiisaan kun dubbata.

Lolli Waraanni Bilisummaa Oromoo humnoota waraanaa impaayerattii irratti guyyuu taasisu abdii kutannaa keessa kan galche gareen badii Bilxiginnaa, jaalala hawaasni Oromoo WBO’f qabu  addaan kutuu kan dadhabe hololaan cabsuuf ifaajjii godhan kan duraa irra cimsanii itti fufaniiru.

Barsiisaan kamuu hiriira balaaleffannaa WBO irratti akka hirmaatuuf mallatteessisuun kan himamu yoo ta’u, namni hiriira kana irratti yaada faallaa kaase kamuu akka ajjeefamuufis doorsisni irratti taasifamaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Akka Barsiisaan gamasii dubbisne kun dubbatutti sirna dhablummaa murna Bilxiginnaa ifaan ifaan balaaleffachuu yoo ta’e malee WBO’n abdii fi gaachana ummata Oromooti waan  ta’eef sababni balaaleffannuuf hin jiru jechuunis dubbata. 

Dabalataanis qaamni qabsoo Bilisummaa Oromoo deggeru kam iyyuu sochii faallaa ummatichaa PP’n raawwattu irratti qaamaan hirmaachuun dirqisiifamnus, miira deggersaaf akka hin taane addunyaan nuuf hubachuu qaba jechuunis itti dabaluun ONM’tti hime.

Hiriirri kun Oromiyaa bakkoota tokko tokkotti har’a dirqiin kan geggeeffame yoo ta’u, kunis waan lamaaf akka ta’e xiinxaltootni dubbatu. Tokkoffaan pirezidaantii Ameerikaa haaraa filatame biratti bulchaa uummataan deggeramu ta’uu mul’isuu fi lola gaanfa Afrikaa keessatti geggeeffamuu maluuf of qopheessuudha jedhu.

Exit mobile version