Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar aanaa Daawoo fi Lixa Shaggar aanaa Dandii keessatti garee murni bilxiginnaa WBO fakkeessuun qindeessee bobbaaseen lubbuun namaa darbuun beekame

ONM-ABO Adoolessa 12, 2024

Baatii darbe irraa eegaluun bulchitoonni aanaa fi itti gaafatamtoonni waajjira Poolisii aanota godina Kibba Lixa Shaggar keessatti argaman wal mari’achuun maqaa WBO balleessuu fi uummata biratti fudhatamummaa dhabsiisuuf  jecha ajjeechaa raawwachaa turuu isaanii gabaasaa turre.

Gochaa isaanii kana itti fufuun fuula isaanii lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo jira jedhame keessatti deebiffachuun ajjeechaa  raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.

Torban darbe irraa kaasuun waraana ajjeechaaf dirqama fudhatanii bobbaafaman aanaa Daawoo gandoota lama keessatti halkan irra naannoo sa’a 5:00’tti nuti WBO’dha jechuun gandoota akka Diinaa Jalluu’aan fi Waajituu Garbii keessatti namoota nagaa ja’a manaa fuudhanii deemuun ajjeesanii bakkeetti gatuu ONM jiraattota irraa qulqullulleefateera.

Akkasumas aanaa Dandii ganda Boddaa iddoo addaa Lafa Lixoo jedhamutti nama eenyummaan isaa hin beekamne tokko ajjeesanii bakkeetti gatuun jiraattotni kaasanii akka awwaalan himan.

Ganda Diimaa Jalluu’aan keessaa namni maqaan isaa Margaa jedhamu akka ajjeefamee fi akkasumas ganda Waajituu Garbii keessaa ammoo namoonni akka Horoo Dhugumaa fi Miidhaksaa Dhugumaa obboloota kan ta’an, Garramaa Dhaabaa, Alamayyoo Didhaa fi Tashoomaa kanneen jedhaman Adooleessa 5, 2024 halkan irra manaa baafamuun iddoo Qancaraa jedhamutti jumlaan bakka tokkotti ajjeefamuu jiraattotni kunneen ibsaniiru.

Murni Bilxiginnaa halkan ajjeechaa suukkanneessaa yoo raawwatu guyyaa ammoo hidhaa hawaasa irratti raawwachaa akka jiran illee dubbachuun ganda Diimaa Jalluu’aan irraa qofa namoonni baayinni isaanii shantamii lama ta’an waajjira Poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa akka jiran illee dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version