ONM-ABO Sadaasa 6, 2023
Teessuma aangoo fi dantaa mataa isaanii guuttachuuf jecha kaabinootni murna bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran yeroo ammaa Oromiyaa keessatti uummata nagaa irratti waraana labsuun uummanni hedduunis guyyaa guyyaan dhumaa jiraachuu fi qabeenyi saamamuu akkasuma ooyiruu isaa irraa buqqa’uu dabalatee hireen uummatichaa hidhaa jumlaa taatee jirti.
Guyyaa kaleessaa jechuun Sadaasa 5, 2023 bulchaan godina kibba lixa Shaggar namni Taayyee Guddisaa jedhamu aanaa Daawoo deemun bulchaa aanaa nama Margaa Nadhasaa jedhamuun waraanni bilisummaa Oromoo aanaa kana fudhatee jira, ati maal eegaa jirta, yeroo gabaabduu keessatti uummata isaan keessa socho’an dabalatee akka ajjeestuu fi qabdee seeratti akka dhiyeessitu akkasumas qabeenya namoota isaanitti dhiyaatanii akka harkaa guuramee mootummaaf galii ta’u, kana hin gootu taanan aangoo irraan si buusa jechuun itti dhaadatee deeme jechuun odeessi keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa.
Akkuma beekamu akka karoora isaaniitti torban kana irraa eegalees gandoota aanichaa keessatti waraana hedduuminaan bobbaasuun lubbuu namaa fi hidhaa jumlaa raawwachuuf sagantaa isaan baafatanii itti jiraniidhas jedhe.
Akkasuma uummanni gandoota aanaa sana jala jiranii of eegannoo akka godhan jechuun, akkasuma hanqina baajataa aanichi qabuun wal qabatee tooftaa mataa isaaniin akkuma baratamee maqaa waraana bilisummmaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabda fi nyaata nyaachisteen qabeenyaa hawaasaa saamuufis qophiitti akka jirantu himama.

