Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba lixa Shaggar aanaa Daawoo keessatti maallaqa bu’uuraalee misoomaaf ramadame miliyoona 8 keessaa miliyoonni 6 kaabinootaan nyaatamuun uummatni guungumaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2023

Saamichi daangaa hin qabne hawaasa godina lixa Shaggar aanaa Daawoo  keessatti saamtota firaan wal ijaaraniin raawwachaa turuu gabaasaa kan turre yoo ta’u, kaabinoonni aanichaas firaan wal ijaaranii aanaa Daawoo gandoota 23 qabdu keessaa  maqaa bu’uuraalee misoomaa isiniif galchinaan hawaasa saamaa turuu jiraattotni himatu.

Margaa Nadhasaa   bulchaa aanaa, Masarat Mul’ataa  itti aanaa bulchaa aanaa, Addunyaa Tafarraa itti Gaafatamaa waajjira paartii, Damisee Taaddalaa  itti aanaa  waajjira eegumsa fayyaa godina kibba lixa Shaggar, Caalaa Taliilaa abbaa adeemsa bittaa, Tasfaayee Margaa, abbaa adeemsa karoora baajataa fi Seefuu Mulgeetaa itti gaafatamaa waajjira maallaqa, (MMD) warreen jedhamantu maallaqicha addaan hiratan jechuun jiraattotni dubbatu.

Warreen maqaan isaanii armaan olitti heerame kunneen maallaqa kana maqaa hanqina bu’uuraalee misoomaa qabna nuuf haa kennamu jedhuun kan fudhatan yoo ta’u, maallaqichas dantaa dhuunfaa isaaniif akka oolfatan himu.

Saamtonni kunneenis gareen wal ijaaranii saamaa waan turaniif yeroo ammaa ammoo irratti wal dhabuun akka wal basaasaa jiraniis dubbatu.

Maallaqa saaman kanaanis tokkoo tokkoon isaanii lafa magaalaa gurguddoo akka Finfinnee fi Adaamaadha ittiin bitatanii jirus jechuun, yeroo ammaas iccitiin isaanii hawaasa baldhaa bira ga’uun hawaasis gungumaa jiraachuu irraan kan ka’e gara hidhaaf wal saaxiluu bira ga’aanii jirus jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version