ONM-ABO Adoolessa 17, 2024
Koloneel Abiy Ahimed akkuma aangootti dhufeen gaaffii uummata Oromoo deebisuu irra falaasama ida’amuu jedhu baafachuun fedhii sabootaa malee akka dirqamaan fudhatan gochuun isaa hanga har’aatti imphaayerattii guutummaatti dirree waraanaa fi bakka sarbama mirga namoomaa taasisee jira.
Gaaffii uummataa karaa nagaan deebisuu irra hanga har’aatti abbaa irrummaa isaa jabeessuun afaan qawweetti kan fayyadame koloneel Abiy fi gareen isaa gubbaa hanga gadiitti jiran namoota siyaasa isaanii jala ni dhaabbatu jedhanii shakkan har’a Oromiyaa keessatti kuma dhibbootaan hidhanii gidirsaa jiru.
Torbanoota darban irraa kaasuun godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Daawoo bulchiinsa magaalaa Buusaa fi gandoota aanichaa cufa keessatti hidhaan daran hammaatee jiraachuu jiraattonni himan.
Ganda Taajjab Goraa Saaqayyoo irraa Biraanuu Baqqalaa, magaalaa Buusaa ganda 01 irraa hojjetaa waajjira Misoomaa fi Walta’iinsa Dinagdee Ashanaafii Baqqalaa, Ayyaanaa Abbabaa mana Huccuu Shanan Gadaa kan qabuu fi nama Baqqalaa jedhamu kan mana sibiilaa hojjetu murtii seeraa tokko malee kaabinoonni aanaa fi waraanni ergamtuu Bilxiginnaa siyaasa keenyatti bu’an jechuun ragaa tokko malee qabanii hidhuun hiraarsaa akka jiran jiraattonni eeran.
Akka jiraattonni kunneen jedhanitti namoonni armaan olitti maqaan isaanii eeraman kunneen namoota nagaa hojii dhuunfaa isaanii dalagachuun jiraatan yoo ta’an, namootni kun badii tokko kan hin qabnee fi diddaa uummataa sirna EPRDF irratti taasifamaa ture keessatti qooda isaanii kan ba’ataa turan ta’uu dabaluun ibsan.
Namoonni aanicha keessatti wal gurmeessanii lubbuu namaa balleessuu fi hidhaan namoota dararan maqaan isaanii Kabbadaa Gonfaa milishaa, Galeeraa Nadhaa itti gaafatamaa waajjira Poolisii, Addunyaa Tafarraa itti gaafatamaa waajjira PP, Tasfaayee Taaffasaa itti gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa, Abdul Jabbaar qorataa yakkaa Waajjira Poolisii fi Tigist Mulunaa itti gaafatamtuu Aadaa fi Turizimii ta’uu ONM-tti himaniiru.

