ONM-ABO Muddee 2, 2023
Namoota nagaa hojii qonnaa fi daldala garaagaraa irratti bobbaa’uun jiraatan siyaasa isaan hin beekne itti maxxansuun maqaa waraana bilisummmaa Oromoo tumsituu fi hariiroo waliin qabdu jedhamuun namoonni nagaan qabamanii Oromiyaa bakkeewwan hedduutti hiraarfamaa jiru.
Haaluma kanaan Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee fi Daawoo keessatti hidhaa dhiheenya kana murni bilxiginnaa maqaa waraana bilisummaa Oromoo sababa godhachuun hammeessee kan jiru yoo ta’u namoonni hedduunis balleessaa isaanii malee baatii dheeraaf gidirfamaa jiru.
Aanaa Tolee magaalaa Lalisee keessaa namoonni nagaan maqaan isaanii Bajigaa Onnataa fi Asheetuu Morkee jedhaman gaafa Sadaasa 29, 2023 qabamanii waajjira poolisii magaalaa aanichaatti gidirfamaa jiru jedhu jiraattootni.
Mana hidhichaa keessatti namoonni maqaa waraana bilisummmaa Oromoon yakkamanii hidhamanii jiran lakkoofsaan 50 ol kan ta’an yoo ta’u dhukkuboota adda addaaf saaxilamanii jiraachuu fi mana yaalaa deemuufis dhorkamuu isaanii maatiin hidhamtootaa ONM tti himan.
Akkasuma aanaa Daawoo keessattis namoonni hedduun hidhamanii jiraachuu fi hidhamtoota kanneen keessaa Fayyisaa Guddisaa keessatti kan argamu yoo ta’u hidhamtootni kunneenis baatii lamaa fi isaa ol murtii seeraa malee akka hidhamanii gidirfamaa jiran himu.

