ONM-ABO Guraandhala 13, 2024
Oromiyaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo of dura qabuun namoota gidirsuu irratti bobba’aanii kan jiran murni bilxiginnaa namoota nagaa hojii idilee isaanii irraa qabuun mana hidhaatti galchanii dararaa hamaa irratti geggeessaa jiru.
Mana hidhaa impaayerattii keessatti ilmaan Oromoo lakkoofsaan hangana jechuun hin danda’aamne gidiraa hamtuu keessummeessaa kan jiran yoo ta’u, waggootaa asitti ammoo namuu ganda isaa keessaa deemee bakka biroo dhaquuf ajjeechaa fi hidhaan irratti raawwatamaa jira.
Dargaggoo Ayyaanaa Abbabaa kan jedhamu kibba lixa Shaggar aanaa Daawoo magaalaa Buusaa keessatti nama mana uffataa qabu hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhamuun gaafa Guraandhala 9, 2024 qabanii magaalaa Walisootti hidhanii akka jiran maddeen ibsan.
Akkasuma Weellisaa Hundaa’ool Geetuu dhalataa aanaa Daawoo ganda Kallachoo Garbii kan ta’e magaalaa Bishooftuu keessaa gaafa Guraandhala 10, 2024 qabuun gara magaalaa Walisootti akka hidhanii jiran dabaluun ibsan.
Zaganuu Taaddasaa, Taaddalaa Lammaa fi Sisaay Naggasaa kanneen jedhamanis aanuma Daawoo keessaa qabamuun magaalaa Walisoo keessatti reebicha mana hidhaa sana keessatti irratti raawwatamaa jiruun gidirfamaa jiraachuu maddeen keenya ifoomsaniiru.

