Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba lixa Shaggar aanaa Daawoo keessatti namoota nagaa siyaasa irra bilisa ta’an nama sadi qabuun hidhan

ONM-ABO Sadaasa 4, 2023

Uummata Oromoo baraan ajjeesaa fi hidhaa mootummoonni abbaa irree yoona kan ga’an yoo ta’u, uummanni Oromoos dachee abbaa isaa irratti akka lammii lammaffaatti ilaalamuun guyyaa guyyaan hidhaa daangaa hin qabneen adabamaa oolu.

Sirnichi namoota nagaa hojii adda addaa hojjachuun jiruu idilee isaanii fooyyeefachuuf carraaqatan sobanii maqaa siyaasaa jala buusun hidhaaf saaxilaa jiraachuu jiraattonni dubbachuun kibba lixa Shaggar aanaa Daawoo ganda Diimaa Jalluu’aan keessaa namoota maqaan isaanii Birhaanuu Daandanaa fi Warquu Gonfaa jedhaman gaafa Sadaasa 1, 2023 namoota daldala dhuunfaa isaanii irratti bobbaa’anii jiraatan qabuun mana hidhaatti galchanii dararaa jiru.

Aanichuma ganda Qancaraa Aliitoo jedhamu keessaayis dheengadda jechuun sadaasa 2, 2023 nama nagaa Warquu Gonfaa jedhamu hojii rifeensa sirreessuun kan jiraatu yoo ta’u waraana bilisummaa Oromoo nyaata nyaachiste jechuun mana isaatii fudhuun waajjira poolisii aanicha magaalaa Buusaa keessatti hidhan jedhu.

Akkasuma gandoota kanneen kana keessatti doorsisni hidhattoota sirnichaan geggeefamu jiraattota irratti hammaachuu dubbachuun, namoota nagaa irrattis reebichi raawwatamaa jira jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version