Murni bilxiginnaa balaaleffannaa WBO fi TPLF jechuun godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii Keessatti adeemsisuuf akka jiru dhagaa’ame.
Sanbata dhufu Onkoloolessa 22, 2022 murni uummata impaayerattii fi biyyoota gurguddoo addunyaan jibbame bilxiginnaan lola lammiilee isaa irratti geggeessaa jiru gara dabarsuun akka waan uummatni isa deggeraa jiruutti afaan qawween balaaleffannaa WBO fi TPLF jechuun uummata hiriira baasuuf godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii keessatti sochii geggeessaa jiru.
Hiriira Sanbata dhufu geggeessan kanaaf caasaan murna bilxiginnaa magaalaa Gimbii fi waraanni isaanii qophii gochaa kan jiran yoo ta’u guyyaa sana eegumsa cimaa akka godhanis mari’ataniiru.
Kaayyoon hiriira kana Waraana Bilisummaa Oromoo fi TPLF balaaleffachuu haa ta’u malee torbe kana sababa mootummoota Gamtooman, dhaabbata mirga namoomaa fi Ameerikaa dabalatee xiyyeeffannoo lola kaaba impaayeerattii irratti gochuun ibsa waan baasaniif sodaa Ameerikaa fi michoonni ishee humna waraanaan gidduu seenu jedhu irraan kan ka’e akka ta’e dubbatamaa jira.
Murni bilxiginnaa waamicha nagaa dhaabbileen qawween impaayeerattii keessatti falmaa jiran ABO-WBO fi TPLF dabalatee taasisaniif fudhachuu dhiisuun afaan qawween fufe kan jiru yeroo ta’u, lola impaayeerattii keessatti geggeeffamaa jiru irra aanuuf ilmaan sabichaa adda waraanaatti fe’aa gama biraan ammoo uummatuma bilxiginnaan ajjeefamaa jiru hiriiraan akka bira dhaabbatan dirqisiisaa jiraachuutti qaana’uu jiraattootni magaalaa Gimbii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

