Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saassiggaa keessatti mariin walitti dhufeenya uummata Beenishaangul Gumuz waliin jedhu murna PPn gaggeeffame 

ONM-ABO Fulbaana 8, 2023

Walitti bu’iinsa sabaaf sablammoota gidduutti uumuun, ofumaaf ammoo deebi’ee jaarsa ta’uun maqaa araaraa da’oo godhatee tapha siyaasaatti kan jiru bilxiginnaan, torban kana keessa ammoo marii araaraa uummata Oromoo fi Beenishaangul Gumuz gidduutti gaggeessina jechuun ololaa jiraachuu keessa beektonni ifoomsaniiru.

Akka namootni wal-tajjii Sana irratti hirmaatan himanitti Fulbaana 6, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Sogee keessatti Bulchaan aanaa Saasiggaa miseensotaa fi qondaaltota waraaana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa dabalachuun marii irra turuun beekame.

Kaayyoon walmarii isaanii inni guddaan nageenya hawaasaa fakkeessuun akkaataa itti WBO balleessan ta’uu kan himan keessa beektonni, yaadni hawaasa Oromoo irraa ka’ee fi uummatni Beenishaangul Gumuz kaasan Wal mormisiisaa akka ta’ee fi dursa WBO balleessaa Kan Jedhus yaada uummata Gumuz yoo ta’u, maqaa araaraa kanaan sagantaa sirnichi baafatee jiru yaaddessaa ta’uu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himatan.

Exit mobile version