ONM-ABO Hagayya 13, 2025
Murni garboomfataan imphaayera Itiyoophiyaa kutaalee Oromiyaa adda addaatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf hadheeffatee yakkuun: ajjeechaa, doorsisa, hidhaa, saamicha fi gubaatii manneenii raawwachuun, ari’ee qe’ee fi qabeenyaa irraa godaansisee dararaa ulfaataa ta’e irratti raawwataa jira.
Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee aanaa Gubbaa Qorichaatti, lukkeeleen bilxiginnaa aangoo isaanii fayyadamuun doorsisa yeroo yeroon raawwataa jiraachuun ibsameera.
Aanicha ganda 20 jedhamuun beekamu keessatti ergamtootni Bilxiginnaa kun hawaasa walga’ii waamuun maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhu itti maxxansuun namoota hedduu walga’ii keessatti ol kaasanii doorsisuu fi itti dhaadachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattonni kun jedhanitti, ”lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaa nutti moggaasuu fi maxxansuun guyyaa guyyaan nu doorsisaa oolu jedhan. Yeroo ammaa kana sababa doorsisa isaanii kanaan uummanni firootaa fi hiriyoota waliin wal arguu fi walitti deemuu dhiisee jiraachuun barameera.

