Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Gubbaa Qorichaatti caasaan bilxiginnaa walga’ii taasisaniin haala ittiin uummata miidhan irratti marii geggeessuun saaxilame

ONM-ABO Adoolessa 5, 2024

Caasaan maafiyaa bilxiginnaa uummata Oromoo lafarraa duguuganii fixuuf yeroo adda addaatti walga’ii wal yaamanii haala ittiin uummata miidhan irratti karoorsaa kan turan godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaatti lukkeeleen bilxiginnaa walga’ii taasisaniin haala ittiin uummata miidhan irratti marii geggeessuun ifoomeera.

Onichatti dararaa hamaan uummata irratti raawwachaa kan jiru yommuu ta’u, araddaa 21 ganda Qomee jedhamu keessatti ergamtootni bilxiginnaa kaabinoota aanichaa waliin walgahii guyyaa dheengaddaa jechuun Adoolessa 3, 2024 geggeessaniin namoota sabboontota jedhaman jalaa konkolaataa deddeebisaa uummataatti dabaluun kanneen akka mootoraa fi bajaajii hojiirraa dhaabuu akka qaban mari’achuu isaanii iccitiin keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa.

Dabalataanis, namoota deggertoota WBO’ti jedhaman hidhuu fi hiraarsuun karaa konkolaataa bakka garaa garaatti haada ykn funyoo hidhuun konkolaachistoota dararuun qarshii hedduu gaafachuu akka qaban irratti waliif galanii jiraachuun ifoomeera.

Akka jiraataan bakkichaa tokko dubbatetti uummanni aanichaas osoo isaan karoora isaanii kana hojiitti hin hiikne dafee irratti dammaqee karoora isaanii kana jala dhaabbatee of irraa fashalsuu qaba, kana hin godhan taanaan booda rakkoo jabaan uummaticha irra ga’uu danda’a  jedheera.

Exit mobile version