ONM-ABO Waxabajji 13, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa hoggaa uummanni Oromoo sirnichi nama nyaataa ta’uu isaa hadheeffatee mormu, umuriin aangoo isaanii kufaatiitti dhiyaachuu baruun humna waraanaa qaban hunda bobbaasanii kutaalee Oromiyaa cufa keessatti dhiittaa mirga namoomaa ulfaataa raawwachaa jiru.
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa guyyaa kaleessaa Waxabajjii 12, 2025 kaabinoonni murna Bilxiginnaa aanaa irraa waajjiraalee adda addaa keessaa hojjetan gara gandichaa deemuun afaan qawween hawaasa walga’ii baasanii doorsisaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Loltoonni Bilxiginnaa ganamaan hojii idilee irraa hawaasa walga’ii waamuun ”namni nu waliin hin hojjenne, ergama qaama biraa qaba, fuula haaraa yoo argitan, dafaa nuuf gabaasaa, nama WBO waliin hojjeta jettanii shakkitan ammoo nutti himaa, fuula keessan duratti ajjeesnaa” jechuun hawaasa doorsisaa akka turan dubbatu.
Kana malees, kaabinoonni dantaa saba irraa dhalatanii hin qabne kunneen, ”namni har’a walga’ii kana irratti hin hirmaanne, qaama faallaa keenya ta’e waliin hojjetaa jira. Warra akkasii ofkeessaa qulqulleessina” jechuun hawaasatti dhaadachaa turuu fi namni kam illee gaaffii mirgaa akka hin gaafanne kan dhorkaa turan ta’uun dabalataan ibsameera.

