Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Oromoota Walloo irratti duula duguuggaa sanyii bananii jiran yoo jabeessan, kaabinoonni sirnichaa aanaa Jiillee Dhummuuggaatti uummata walga’ii waamuun Faannoo maaliif loltu jechuun doorsisaa turuun barame

ONM-ABO Ebila 2, 2024 

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan maqaa uummata Amaaraa eegdu jedhuun waggoottan darban hidhachiifaman fedhii lafa babaldhifannaa qabaniif uummata Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa daangaa Amaaraan wal daangessan hunda irratti ajjeechaa suukkanneessaa, saamicha fi gubaatii manneenii irratti raawwachuun hawaasa Oromoo rakkoo adda addaaf saaxilaa jiru.
 
Haaluma kanaan Bitootessa 31, 2024 hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kun ganama irraa eegaluun aanaa Harxummaa Fursee bakka Caffaa Diimtuu Randooyyee jedhamutti, meeshaalee gurgguddaa fayyadamuun uummata nagaa irratti lola taasisaa oolaniin qabeenyaan hawaasaa hedduun loon dabalatee rasaasa hidhattoota kanneeniin barbadaa’uun barameera.
 
Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhan kun, gaafuma Bitootessa 31 kana lola karaa 3’n Oromoota Walloo irratti taasisuu kan himan maddeen aanaa Jiillee Dhummuggaa bakka addaa Mararee fi Qunxee jedhamuttis meeshaa gurgguddaan hawaasa lolaa turuu isaanii maddeen gamasii dabaluun dubbataniiru.
 
Bitooteessuma 31, 2024 kaabinoonni sirnichaa aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Wasan Qurquritti uummata walga’ii waamuun, Faannoo humna guddaan lolaa turtan ittiin jechuun uummata Finxaaleeyyiin guyyuu ajjeefamaa, saamamaa fi gubachaa oolu maqaa sobaa itti maxxansuun doorsisaa fi hawaasa reebaa turuu kan dubbatan jiraattootni kunneen, murni bilxiginnaa tuffii fi jibbiinsa uummata Oromoof qabu maqaa aangoo jedhutti dhimma ba’uun yeroo ammaa uummata lafa irraa fixaa fi fichisiisuu irratti argama jedhaniiru.

Exit mobile version