Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Kaaba Oromiyaa godina Wallootti  bananiin namoonni 12, shamarran lamaa fi dhiirri 10’n madaa’uun barame

ONM-ABO Ebla 1, 2024

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa erga koloneel Abiy Ahimed gara aangootti dhufee meeshaa hidhachiifamuun ijaarsa isaanii jabeeffatan, duula sanyii fixiinsaa uummata Oromoo irratti kutaalee Oromiyaa garaagaraatti keessattuu Oromoota Walloo irratti taasisaa jiran yeroo ammaa daran jabeessanii jiru.
 
Haaluma kanaan gaafa Bitootessa 30, 2024 hanga har’a Ebla 1, 2024’tti lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon kun aanaa Harxummaa Fursee, Caffaa Randooyyetti hawaasa Oromoo irratti meeshaalee gurgguddaa kanneen akka dishqaa fayyadamuun taasisaa oolaniin namoonni 12 yoo madaa’an qabeenyaan hawaasaa hedduunis hidhattoota kanaan barbadaa’uu fi saamamuu jiraattotni dubbatan.

Namootni hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin madaa’an kunneenis maqaan isaanii Halimaa Mohaammed Adam ganda Diidoo, Xoyibaa Umar Billahuu ganda Cirrii, Aliyyii Umar ganda Jaarraa, Hasan Mohaammed Aliyyuu ganda Diidoo, Ahimed Sheek Umar ganda Diidoo, Aliyyii Muusee ganda Diidoo, Aliyyii Hasan Saali ganda Diidoo, Goonfee Huseen ganda Diimtuu, Huseen Haajii ganda Coqorsoo, Hasan Huseen ganda Diimtuu, Ahimadiyyuu ganda Diimtuu kan ta’an madaa’anii jiraachuu isaanii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera,

Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii abjuu abboota isaanii Miniliik milkeessuuf halkanii fi guyyaa dhama’an kun akkaataa uummta Oromoo ittiin lafa irraa balleessan guyyaa guyyaan ajandaa bocuun  ajjeechaa,  saamicha qabeenyaa, gubaatii manneenii irratti taasisuun gidiraa hamtuu akka sabaatti Oromoo irratti qaqqabsiisaa jiru.

Murni gabroomfataan PP, impaayerattiin bulcha ofiin jedhu yeroo hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon duula duguuggaa sanyii irra deddeebiin uummata Oromoo Walloo irratti bananii akka barbaadanitti rasaasaan waadanii ajjeesaa kaan konkolaataa irraa buusuun saanjaadhaan waraananiin gochaa dhala namaa irratti hin raawwatamne hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kunneen yeroo uummata Oromoo irratti raawwatan callisee ilaaluun isaa maqaa Oromoon aangoo irra haa jiraatu iyyuu malee dhaaba uummata Oromoo bakka bu’uu fi mootummaa Oromoo ta’uu akka hin dandeenye hawaasni Oromoo bakkeewwan adda addaa ni dubbatu.

Exit mobile version