• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti saamichi waraana bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

Oct 12, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024 

Ergamtoonni bilxiginnaa dantaa fi faayidaa dhuunfaa isaanii qofa durfachuun, ilmaan Oromoo ammoo afaan qawwee itti qabanii hacuucuun dararaa hamaa ta’e irratti raawwachaa kan jiranii fi diinagdee uummata Oromoo roga isaaniif danda’ame maraan dadhabsiisuuf halkanii fi guyyaa ifaajaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jira.

Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessatti ergamtoonni bilxiginnaa ergama qaama isaanii olii milkeessuuf jecha ilmaan Oromoo dararuun afaan qawwee itti qabanii maqaa “deggersa paartii” jedhuun qarshii dhibba lama lama  dirqamaan guuraa jiraachuu fi yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti dha’anii qarshii guuraa kan turan, yeroo ammaa kana immoo bifa haarawwaa ta’een saamichi ulfaataan hawaasa irratti geggeeffamaa jiraachuu jiraattonni araddichaa himan.

Addatti immoo bulchaan araddichaa milishoota hawaasa irratti bobbaasee garmalee mirga jiraattotaa sarbuun miidhaa ulfaataa geessisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading