ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024
Waggoottan lamaan darbaniif addatti uummanni godina Arsii lameenii dararaa hamtuu keessa akka jiran yeroo hedduu ONM’tti dubbachaa kan turan yoo ta’u, sarbamiinsi mirgoota namoomaa raawwatamaa jirus kan duraa irra daran hammaatee jira.
Guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 11, 2024 sirni abbaa irree kun godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo ganda Boree Cilaaloo jedhamu keessatti akka duraa galiin as irraa argamu sababa isin nurraa baqattanii WBO faana dhabbaataa jirtaaniif dhabamaa jira jechuun amma isiniif qabeenya keessanis dhabama taasifna jedhanii wayita itti dhaadatan ummaanni lubbuu isaaf sodaachuun bosonatti yoo baqatu isaan ammoo jala ol deebi’uun qabeenya isaanii saamuu fi manneen gubuun barbadeessan.
Haaluma kanaan hidhattootni kabajaa hawaasa irraa dhalatanii hin qabne kunneen ukkaamsanii bulchuun qofti isaanitti mul’atu manneen namoota 25 gubuun qabeenya mana keessa jirus hunda isaa saamuu isaanii jiraattotni gochoonni kunneen irratti raawwate ibsan.
Namoonni qabeenyi isaanii saamamee fi manneen isaanii jalaa gubate kunneenis maqaan isaanii Haajii Usmaan Bakaree, Hajii Aliyyii, Qaasoo Tolee, Amanoo Tulluu, Milkii Tulluu, Amaan Hajii, Bashiir Sheek Ibraahim, Irkoo Jundii fi Jamaal Sheek Ibraahim kanneen jedhamanii fi warreen maqaan isaanii nu hin geenye illee hedduu akka jiran ibsan.
Dabaluun akka jiraattotni kunneen jedhanitti bakka bultii fi nyaataa dhabuun ilmaan keenya waliin lubbuu keenya oolfachuuf jecha bosonatti gallee hedduu rakkachaa jirra jechuun, uummanni Oromoo illee akka isaan cinaa dhaabbatan dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

